Teeknooloojiiwwan qonna ammayyeessan gara biyyaa galchuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 30, 2017(FMC) – Itiyoophiyaan fedhii nyaataa ishee guutuuf teeknooloojiiwwan qonna ammayyeessan gara biyyaa galchuuf hojjechaa jirti.

Hojii Gaggeessaa Olaanaan Naashinaal Eerweeyis obbo Gazzaanyi Birruun, xiyyaaronni ammayyaa keemikaala biifan dhiyeenya kana Ministeera Qonnaan gara biyyaa galan qaama tattaaffii qonna guddisuuf taasifamuu ta’uu ibsaniiru.

Xiyyaaronni kunneen oomishaafi oomishtummaa dabaluurra darbee rakkoo fayyaa tuttuqaa keemikaalaan qonnaan bulaarra gahu hambisuu keessattis gahee olaanaa qabaachuu eeran.

Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa aanaa Hasaasaa obbo Feeneet Amaan gamasaaniin, biiffaan keemikaalaa bifa aadaan biifamu oomishni hangi barbaadamu akka hin argamneef dhiibbaa uumuu kaasuun, xiyyaaronni kunneen rakkoo kanaaf furmaata ta’uu ibsan.

Xilaahun Yilmaatu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment