Finfinnee, Amajjii 21, 2018 (FMC)- Teelee Birriin daddabarsi maallaqaa Tiiriliyoona 6 .88 raawwatameera jedhan Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Itiyoo Teeleekoom Firehiwoot Taammiruu.
Fireehiwoot Taammiruu gabaasa raawwii baatiwwan jahan darbanii dhaabbaticha wayita dhiyeessan akka jedhanitti, Itiyoo Teeleekoom Diijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf hojiilee hedduu hojjechaa jira.
Keessattuu daddabarsa maallaqa diijitaalaa safiisiisuun Teelee Birriin bu’aa qabatamaa galmeessuu dubbataniiru.
Faayinaansii diijitaalaa cimsuun tajaajila ammayyaa safffisaa fi hirmaachisaa ta’e kennuuf hojjetamuu eeraniiru.
Wayita ammaa maamiltonni Teelee Birrii miiliyoona 58 ol qaqqabuu eeruun , baatiiwwan jahan darban qofa maamiltoota miiliyoona 4.69 horachuun danda’amuu himaniiru.
Akkasumas baatiiwwan jahan darban qofa Teelee Birriin daddabarsi maallaqaa Tiiriliyoonni 1.94 raawwatamuu ibsuun, erga tajaajilli Teelee Birrii eegale as daddabarsi maallaqaa Tiiriliyoona 6. 88 raawwatamuu ibsaniiru.
Tajaajila liiqii Teelee Birrii maamiltoota miiliyoona 16 ‘f waliin gahuun danda’amuun kaasaniiru.
Malaakuu Gaddifiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.