Finfinnee, Bitootessa 15, 2018(FMC) – Tiraanisfoormeeshiniin Qonna Itiyoophiyaa oomishtummaa guddisuun ce’umsi caaseffamaa jiraachuu argarsiiftuudha.
Ce’umsichi hirkatummaa biyyattii har’isuu qofa osoo hin taane birmadummaa nyaataa cimsuun galii kutaa baadiyyaa guddiseera.
Qamadii lafa hektaara miiliyoona 7.7 misoomeerraa callaa Toonii miiliyoona 29 argachuun danda’amera.
Oomisha Qamadii Doolaara biiliyoona 1 oliin alaa gala ture biyya keessatti hambsiuun danda’amuu ibsame.
Oomishni Ruuziis sadarkaa olaanaan guddachuu kan ibsame yoo ta’u, oomishtummaan % 29 guddina agarsiiseera.
Galiis % 18 guddiseera.
Ce’umsi Diijitaalaas damee guddina olaanaa galmeesse yoo ta’u, damichaan guddinni diinagdee abdii namatti horu argameera.
Kanaanis fayyadamtoonni Teeleekoomii miiliyoona 37.9 irraa gara miiliyoona 87.9tti guddateera.
Uwwisni damichaa % 99.8 kan gahe yoo ta’u, lakkoofsi fayyadamtoota Biroodbaandii bilbilaa miiliyoona 51 qaqqabeera.
Lakkoofsi fayyadamoota Teelee Birriis miiliyoona 85 gaheera.
Kanaanis gurgurtaa fi bittaan Birrii tiriiliyoona 7.5 raawwatameera.
Damee Faayinaansiin guddina si’ataa agarsiisaa kan jiru Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa maallaqni kuufamaan isaa Birrii biiliyoona 500 irraa gara Birrii tiriiliyoona 2tti guddatera.
Dameewwan Indaastirii, Albuudaa fi Barnootaanis bu’aawwan Badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsan galmeessaniiru.
#Oromia #Ethiopia