Tokkummaa fi ifaajjiiin keenya bu’aa fide – Barsiisota

Finfinnee, Fulbaana 8, 2018 (FMC) – Tokkummaa fi Ifaajjiin keenya bu’aan fide ifatti mul’ateera jedhan barsiisonni Mana barumsaa Bultii Addaa Dodolaa.

Manneen barnootaa bara kana barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatan dabarsan keessaa Manneen Barnootaa Bultii Addaa Naannoo Oromiyaatti argaman fakkenyummaan ta’aa jiru.

Qabxii akka biyyaatti gama saayinsii uumamaan galmaa’een dhiiraa fi dubaraan kan milkaa’e Manni Barumsaa Bultii Addaa Dodolaa ammoo isa tokko.

Qabxii 591 galmeessisuun akka biyyaatti 1ffaa kan ba’e Kaalid Bashirii fi dubara keessaa damee kanaan qabxii 579 galmeessuun sadarkaa 1ffaa kan qooddatte barattuu Gennat Margaa barattooa mana barumsichaati.

Firiin barattoota kaneenii fi akka waliigalaatti akka mana barumsichaatti qabxiin galmaa’e akka isaan boonse barsiisonni mana barumsichaa addatti FMC tti himaniiru.

Barsiisa Jamaal Amdaa fi Saadam Jamaal milkaa’ina barattootaa kanatti akka gammaddan ibsuun xiyyeeffannoo guddaan barattoota isaanii gargaaraa turuu eeran.

Barattoonni kunneen kaayyoo ofi beekani warra hojjetan akka ta’an kan dubbatan ammoo barsiisaa Saadam Jamaal.

Manneen barnootaa Bultii Addaa barattoota galama isaanii beekanii cimanii hojjetan oomishaa jiraachuus kaasan.

Barataan Kaalid Bashiiriin akka ilma isaaniitti ilaaluu kan dubbatan barsiisaa Saadam, barataa bakka ooluu qabu beekuufi yeroo isaa sirriitti fayyadamu ta’uu isaa dubbatan.

Ittigaafatamaan Mana barumsichaa Deettuu Diboo,gama isaaniin, milkaa’inni barattoota kanneenii milkaa’ina biyyaa ta’uu isaa kaasan.

Cichoominaafi kutannoon hojjennaan milkaa’uun ni danda’ama kan jedhan barsiisaa Deettuun, bu’aan galmaa’e kun barattoota booda dhufaniitti xiiqii fi hamilee kan uumeedha jedhan.

Baranas milkaa’ina kana eegsifachuuf akka hojjetan dubbatan.

Kululaa Garbichaatu gabaase

Comments (0)
Add Comment