Finfinnee, Amajjii 24, 2018 (FMC) – Sagantaa Piriimiyar Liigii Ingilaandi torbee 24ffaan taphni Maanchister Siitiin dirree isaan alatti Tootanihaam Hootispariin morkatu tapha eegamaa dha.
Galgala sa’aatii 1:30 irratti tapha taphatamu kanaan Maanchister Siitiin garaagarummaa qabxii dursaa liigichaa Arsenaal waliin qabu dhiphisuuf dirree seena.
Taphoota liigichaa shanan darbaniin tokkollee injifachuu kan hindandeenye Tootanihaam Hootispar gara injifannootti deebi’uuf morkata.
Gareewwan lamaan dorgommiiwwan waliin taphatan shanan darbaniin Tootanihaam sadii yoo injifatu, Maanchister Siitiin ammoo lama mo’ateera.
Tapha kana dura sa’aatii 11 irratti Maanchister Yunaayitid dirree isaa Oltiraafioordi ittatti Fuulhaamiin keessummeessa.
Taphoota darbaniin dursaa liigichaa Arsenaal fi itti aanee kan jiru Maanchister Siitii kan injifate Maanchister Yunaayitid walitti aansee injifannoo 3ffaa galmeessisuuf falmata.
Astoonviilaan Bireentifoord waliin, akkasumas Nootingaam Fooresti Kiristaal Paalaas waliin yeroo walfakkaataa sa’aatii 11 irratti kan taphatan ta’a.
Sagantaan taphaa Piriimiyar Liigii Ingilaandi torbee 24ffaan borus itti fufuun tapha galgala sa’aatii 5 irratti Sandarlaandi Barnileey waliin taphataniin xumurama.
#Oromia #Ethiopia