Finfinnee, Onkoloolessa 6, 2018( FMC)- Tumsi dhaabbilee bayyanachuu Itiyoophiyaa keessatti gahee olaanaa qaba jedhan Ministirri Gorsaa Dhimmoota Hawaasummaa Ministira Muummeefi Walitti Qabaan Boordii Faanaa Miidiyaa Korporeeshin Diyaaqon Daani’eel Kibrat.
Miseensonni Boordiifi Maaneejimantii Faanaa Miidiyaa Korporeeshin Komishinii Gumruukaatti hojiilee jijjiirama dhaabbattummaa daawwataniiru.
Diyaaqon Daani’eel Kibrat wayita kana, tumsi dhaabbilee bayyanachuu Itiyoophiyaa keessatti qooda olaanaa qabaachuu kaasanii, dhaabbileen ida’amuun fi waltumsuun guddina waloo mirkaneessuuf hojjechuu qabu jedhan.
Dhaabbileen biyyaalessaa jijjiirama dhaabbattummaa keessa jiran kanneen akka Faanaa Miidiyaa Korporeeshinii fi Komishinii Gumruukaa waloon hojjechuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Komishinarri Komishinii Gumruukaa Dabalee Qaabataa gama isaaniin, dhaabbatichi riifoormii dhaabbattummaa keessa darbuu yaadachiisuun, haaluma Kanaan hojmaata isaa teeknooloojiin deeggaruu akka danda’e dubbatan.
Hojiileen jijjiirama dhaabbattummaa itti quufiinsa maamilaa fi guddina biyyaalessaa keessatti qooda komishinichi qabu fooyyessuu ibsaniiru.
Salamoon Bayyanaatu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.