Finfinnee, Caamsaa 17, 2017 (FMC) – Tumsi hundagaleessi naannawaa fi dhaabbilee hammattoo Gamtaa Afrikaa jalatti taasifaman nageenyaaf gumaacha olaanaa qabaachuu Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin ibsan.
Pireezidaanti Putiin guyyaa hundeeffama Gamtaa Afrikaa waggaa 62ffaa sababeeffachuun biyyoota miseensa gamtichaaf ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Uummata Afrikaaf fayyaa, milkaa’ina, nagaa fi badhaadhinan hawwa jedhan ergaa isaaniin.
Afrikaanoonni erga bilisummaa isaanii goonfatanii booda waggoottan 60’n darban milkaa’inoota dameewwan adda addaan galmeessuu eeraniiru.
Hariiroowwan hundagaleessi naannawaa fi dhaabbilee gaaddisa gamtichaa jalatti godhaman nageenya Ardii Afrikaaf gumaacha olaanaa qabaachuu himaniiru.
Raashiyaan hariiroo michummaa yeroo dheeraaf Afrikaa waliin qabdu caalmaatti cimsuu akka barbaaddu ibsaniiru.
Miikiyaas Ayyalaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia