Finfinnee, Caamsaa 16, 2017(FMC) – Daawwannaafi marii jilli Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin durfamu Faransaayitti taasise milkaa’aa akka ture Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootewoos ibsan.
Dooktar Geediyoon turtii jilichaa ilaalchisuun ibsa laataniin, daawwannichi Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon Itiyoophiyaa daawwatanii baatiiwwan muraasa keessatti taasifamuu kaasaniiru.
Mariin gaggeeffames mariiwwan Finfinneetti eegalamaniin dhimmoota waliigalteerra gahaman fi sadarkaa raawwii isaanii gamaaggamuuf gaggeeffamuu eeraniiru.
Daawwannaafi mariin Faransaayitti gaggeeffame hariiroo gam-lamee biyyoota lameenii keessumaa akkaataa waliigaltee Kanaan dura taasifameen sadarkaa tumsa damee diinagdee fi invastimantii haala guddisuun danda’amu irra jirru akka ilaalluu nu dandeessiseera jedhan.
Tumsiifi hariiroon diinagdee maal akka fakkaachuu qabu irratti yaadonni gaggaariin wal jijjiiramuus kaasaniiru.
Haala nageenyaafi siyaasaa naannawaa irrattis mari’atamuu eeruun, biyyoonni lameen haala nageenya naannawichaa fooyyessuu danda’anirrattis mari’atamuu ibsaniiru.
Yohaannis Daribawuun.