Tuuniiziyaan hariiroo daldalaa Itoophiyaa waliin qabdu cimsuu barbbaaddi

Finfinnee, Guraandhala 4, 2018(FMC) – Ministirri Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootewoos Ministira Dhimma Alaa Tuuniiziyaa Mohaammad Alii Naafaatii waliin mari’ataniiru.

Ministiroonni lamaan hariiroo daldalaa fi investimentii biyyi isaanii Itiyoophiyaa waliin qabdu irratti xiyyeeffachuun mari’atan.

Mohaammad Alii Naafaatii biyyi isaanii hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu kana cimsuu akka barbaaddu mirkaneessaniiru.

Dabalataanis qaamoleen lamaan fedhiiwwan waloo gamlamee fi ardawaa irratti yaada wal jijjiiraniiru.

Haaluma walfakkaatuun Dooktar Geediyoon Ximootewoos Ministira Dhimma Alaa Biruundii Edwaardi Biizmaan waliin dhimmoota hariiroo gamlamee cimsuu dandeessisan irratti mari’ataniiru.

Maree isaaniinisi raawwii waliigalteewwan tumsaa biyyoota lamaan gidduutti walga’ii Komiishinii Ministirootaaa Waloo dhiyeenyatti geggeeffame irratti mallatteeffanii gamaaggamuu fi dameewwan tumsaa haaraa adda baasuuf waliigalaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment