Finfinnee, Hagayya 30, 2017 (FMC) – Dameen Tuurizimii hariiroo ummattootaa cimsuun michummaa fi Dippiloomaasii idil addunyaa guddisa jedhan hayyoonni.
Damee Diinagdee mandhalee keessa tokko kan ta’e dameen Tuuurizimiif mootummaan xiyyeeffannoo olaanaa kennuu Yuunivarsiitii Aarbaa Mincitti Barsiisaan Tuurizimii fi Bulchiinsa Hooteelaa Dooktar Heenook Baqqalaan Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinitti himaniiru.
Dameen Tuurizimii hariiroo ummattootaa cimsuun guddina diingadeef gumaacha olaan qabaachuun kaasan.
Hariiroo Dippiloomaasii idil addunyaa guddisuu keessatti qooda guddaa qabaachuu eeran.
Qabeenya uumamaa, seenaa fi aadaa ajaa’ibsiisaa biyyattii sirnaan kunuunsuun faayidaaf oolchuun murteessaa ta’uu Yuunivarsiitii Walaayittaa Sooddootti Barsiisaan Tuurizimii Asiraat Dastaan ibsaniiru.
Qabeenyi Tuurizimii seenessaa waloo fi ijaarsa biyyaaf shoora olaanaa waan qabaniif sirnaan itti fayyadamuun barbaachisaadha jedhan.
Yaa’iiwwan Idil Addunyaa Itiyoophiyaan yeroo dhihoo as keessummaa jirtu guddina Tuurizimii fi Hariiroo Dippiloomaasiif akka meeshaatti kan gargaaran ta’uu eeran.
Ibraahiim Baadiitiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.