Ugaandaan karaa Keeniyaan ulaa galaanaa ni argatti – Pireezidaanti Wiiliyaam Ruutoo

Finfinnee, Sadaasa 16, 2018 (FMC) – Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon Keeniyaa fi Ugaandaan gidduutti karra Galaanaa Garba Hindiirratti waldhabdeen dippiloomaasii mudachuu danda’a sodaa jedhu kufaa taasisaniiru.

Pireezidaantiin Ugaandaa Yooweerii Muuzeeveeniin tibbana biyyi isaanii waggoota 100 oliif buufata biyya ollaarratti hirkattee jiraachuun diinagdee ishee akkaan miidhuu dubbatanii turan.
Hirkattummaan kun nageenya naannawaaf sodaa hamaa ta’aa dhufuu eeranii turan.

Biyyi isaanii karaa Garba Hindiin ulaa galaanaa argachuun dirqama ta’uu fi gama Keeniyaan deebii gaarii kan abdatan ta’uu dubbachuun isaanii ni yaadatama.

Pireezidaanti Yooweerii Muuzeeveeniin kaleessa kan wal argan Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon dhimmichi obbolummaa Afrikaan furmaata argachuu akka danda’u himuun deebii abdii qabu kennaniiru.

Sababa kanaan biyyoota lamaan gidduutti walitti bu’iinsi uumamuu danda’a jechuun qaamolee olola hoofaniin hin dadhabinaa jedhan.

Ugaandaan karaa Keeniyaan karra galaanaa argachuuf walitti bu’iinsi hin barbaachisu jedhan.

Biyyoonni lamaan gama daldalaa fi bu’uuraalee misoomaan hariiroo cimaa qabaachuu kaasuun, tumsicha caalmaatti cimsuuf murannoon jiraachuu mirkaneessan.

Ugaandaa fi Keeniyaan obbolaa waan ta’aniif tumsaaf malee ololaaf iddoo hin kennaan jechuun yaadachiisan.

Biyyattiin karaa Keeniyaan karra galaanaa akka argattu Keeniyaan eeyyamamtuu ta’uu mirkaneessan Pireezidaanti wiiliyaam Ruutoon.

Biyyoonni lamaan bu’uuraalee misoomaa waloo caalmaatti babal’isuuf kan hojjetan ta’uu dubbachuu Keeniyaa Biroodkaastingii Koorporeeshiin gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment