Ulaa Hoormuuz irratti muddama Ameerikaa- Iraan fi qaala’iinsa gatii boba’aa…

Finfinnee, Bitootessa 3, 2018 (FMC)- Ulaa ijoon boba’aa idil-addunyaa Hoormuuz cufamuu hordofee muddamni Baha Giddugaleessaa cimee itti fufeera.

Humni Galaanarraa Ameerikaa dooniiwwan boba’aa fe’uun ulaa Hoormuuziin darbaniif eegumsa taasisuuf qophii akka hin taane ibseera.

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi, walitti bu’iinsa naannawichatti mudateen qaala’iinsi gatii boba’aa uumame Waashingitaniin kan hin yaaddessineefi carraa gaariidha jedhan.

Gatiin boba’aa qaala’uun Ameerikaan faayidaa diinagdee olaanaa argattus xiyyeeffannoon ishee inni guddaan garuu Iraan meeshaa niwukilaraa akka hin qabaanne ittisuufi humna loltummaa ishee dadhabsiisuuf akka ta’es eeraniiru.

Ameerikaan biyya oomisha boba’aa olaanaa qabdu ta’uu kaasanii, boba’aa kuusaa tarsiimawaa keessa jiru gabaaf kan dhiyeessitu ta’uus ibsan.

Hogganaa Olaanaa haaraan Iraan Mojtaabaa Kaameniin gama isaaniin, Teehiraan ulaa Hoormuuz cufuu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ibsaniiru.

Iraan fanjiiwwan galaanarraa kumaatama kiyyeessuun dooniiwwan daldalaa irratti haleellaa miisaa’elaa gaggeessaa akka turte eeran.

Iraan haleellaawwan Ameerikaafi Israa’eliin irratti raawwatamaniifi miidhaa hanga yoonaa isheerra gaheef tarkaanfii deebii fudhachuuf qophii akka taate hubachiisuu isaanii Aljeezraan gabaaseera.

Soosinnaa Alamaayyoon.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment