Finfinnee, Guraandhala 12, 2018 (FMC) – Ummanni Dambi Doolloo, keessumaa Dargaggoonni jaalala fi gochaan waan tokko raawwachuu keessa isaanii jiru ajaa’iba ta’ee argeera jedhan Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Dooktar Abrahaam Balaay.
Turtii koo torban tokkoof Dambii Doollootti taasiiseen kana arguu kootiif miira olaanaatu natti dhaga’ame jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Ummata misooma Qonnaa, koriidarii baadiyyaa fi magaalaarratti kutannoon hirmaachaa jiran ijaan arguuf carraa argadheen jira jechuun ibsan.
Baadiyyaattis ta’ee magaalaatti fedhiin dargaggoonni ispoortiif qaban raajii ta’uu eeran.
Fedhii fi jaalala dargaggoonni Ispoortiif qaban daandii hundaarratti taajjabaan ture.
Akkasuma Dirree Kubbaa Miilaa Urjii Lixaarratti dargaggoota magaalaa waliin taphachuu kootti daran gammadeera jedhan.
Dambi Doolloon jaalala namaaf qabdan turtii koo torban tokkoo keessatti hiika guddaa naaf kenneera jedhan ergaa isaaniin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.