Ummanni Harargee Bahaa ummataa hojii jaalatu, seenaa beekuu fi amantaa isaa kabajuudha- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Guraandhala 30, 2018 (FMC)- Ummanni Harargee Bahaa ummataa hojii jaalatu, seenaa beekuu fi amantaa isaa kabajuudha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiifi Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoon Godina Harargee Bahaatti kan argamu Gaara Qunduddoo daawwataniiru.

Dooktar Abiy Gaaricha wayita daawwatan ibsa kennaniin akka jedhanitti, Gaarri Qundhudhoo bakka seenaa olaanaa qabuudha.

Itiyoophiyaan biyya Seenaan ishee himame hin dhumne, bakkeewwan daawwatamee hin quufamne hedduu qabdi jechuunis ibsan.

Gaara Qundhudhoorratti Fardeen Bosonaa 48 kan argaman ta’uu ibsuun, gaarichi baay’ee olka’aa fi qorraa ta’uu himaniiru.

Fardeen Bosonaa kana namoonni dhufanii kan daawwatan ta’uu dhageenyeerraas jedhan Dooktar Abiy.

Gaarri Qundhudhoo miidhagina olaanaa kan qabu ta’uu himaniiru.

Fardeen Gaaricha irra jiran Fardeen manatti beeknurraa adda kan isaan godhu dhaloota isaanii osoo hin taane achi jiraachuu isaaniti jedhan.

Fardeen kunneen bakka hawwata tuurizimii ta’uu akka danda’an eeraniiru.

Ummanni Harargee Bahaa ummataa hojii jaalatu, seenaa beekuu fi amantaa isaa kabajuudhaas jedhaniiru.

Ummatichi naannawaa biraa deemuun jireenya isaa injifachuun kan beekamu ta’uu eeraniiru.

Tsahaay Gulummaatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment