Finfinnee, Caamsaa 16, 2017(FMC) – Uummanni Tigraay holola sobaa miseensota hoggansa ABUT duraaniin gowwoomfamuun wareegama hin kaffalu jedhan Ministirri Ministeera Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii Dooktar Abrahaam Balaay.
Ministirri Gorsaa Dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee obbo Geetaachoo Raddaafi Ministirri Ministeera Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii Dooktar Abrahaam Balaay dhalattoota naannoo Tigraay magaalaa Finfinnee jiraatan waliin haala waqtaawaa naannoo Tigraay irratti mari’ataniiru.
Dooktar Abrahaam maricharratti,uummanni Tigraay sagalee garee muraasaa fedhii aangoo qabanii dhagahee waggoottaniif imaluu yaadachiisuun kana booda holola sobaan kan gowwomfamu hin jiru jedhan.
Uummatichi yaada isaa bilisummaan ibsachuu kan eegale erga bulchiinsi yeroo hundaa’ee ta’uu kaasanii, waltajjiiwwan uummatichi qaama nageenyaa ta’uusaa itti mirkaneeffatu yeroo yeroon kan qophaa’u ta’uus eeraniiru.
Uummanni Tigraay fedhii aangoo namoota dhuunfaa guutuuf du’uu akka hin qabne hubachiisuun, wareegmni fedhii namoota muraasaa guutuuf kaffalamu kan hin jirre ta’uus ibsaniiru.
Ajandaan guddaan uummatichaa nageenya ta’uufi misoomaafi nageenya waaraa naannichaarratti waliin mari’achuun barbaachisaa ta’uu ibsuusaanii TOI gabaaseera.