Finfinnee, Guraandhala 10, 2018(FMC) – Ministirri Muummeen Dooktar Abiy Ahimad Uummata miliyoona 100 fi miliyoona 30 ol kan qabdu Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dhorkamtee turuun sirrii miti jedhan.
Ministirri Muummeen Dooktar Abiy Ahimad, Itiyoophiyaa kan daawwatan Rajab Xayip Erdowaan waliin ibsa kennaniiru.
Itiyoophiyaan addunyyaa irratti biyyoota guddina ariifataa galmeessisaa jiran keessaa tokko kan jedhan Dooktar Abiy, bara kana guddina %10.2 akka eeggattu ibsa isaaniin kaasaniiru.
Uummata Miliyoona 100 fi miliyoona 30 ol kan qabdu Itiyoophiyaan muuxannoo addunyaa irra jiruun ala shira diinota keenyaan ulaa galaanaa dhabdee hidhamtee akka turtu gochuun sirrii miti jechuun cimsanii hubachiisaniiru.
Guddina ariifataa Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf Turkiyyee fi michuuwwan Itiyoophiyaa biroon dhiibbaa Diimokiraatawaa uumuun karaa nagaan ulaa galaanaa haala itti argachuu dandeessu keessatti akka gargaaran bal’inaan mari’anneerra jedhan.
Keessumaa loojistiksiin dhimma murteessaa ta’uu kaasanii, Pirezidaanti Rajab Xayip Erdowaan adeemsa kana keessatti ga’ee murteessaa akka taphatanmari’anneerra jedhan.
Gama biraan biyyoonni lamaan qabsoo farra shororkeessummaa irratti waliin hojjechuuf waliigaluu isaanii kaasaniiru.
Haayilamaariyyaam Taganyiin
#Oromia #Ethiopia