Finfinnee, Hagayya 24, 2018 (FMC)- Uummataa fi dhaabbilee michoota misoomaa waliin qindoomuun akkasumas muuxannoowwan babal’isuun, waggoota shanan dhufan olkaa’insa biyyaalessaa keessatti Finfinneen fakkeenya badhaadhinaa akka taatu mirkaneessuuf ni hojjennaa jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.
Kantiibaa Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Har’a ganama karoora bulchiinsa magaalaa keenyaa waggoota shanan dhufaniifi karoora bara baajataa 2019 irratti hoggantoonni magaalichaa waliin marii eegaleerra jedhan.
Filannoo biyyaalessaa marsaa jahaffaa keessatti itti gaafatamummaa uummanni nuuf kenne ka’umsa godhachuun karoora tarsiimawaa qopheessinee, waadaa hojii qabatamaan lakkaa’uun raawwannee, uummanni magaalaa Finfinnee fayyadamaa akka ta’uu fi magaalattiinis dorgomtuu akka taatu gochuu ibsaniiru.
Bu’uura kana godhachuun, jiraataan magaalaa keenyaa amantaa nutti horatee irra deebiin nu filachuun itti gaafatamummaa nuuf kenneera jedhan.
Marchi amantaa jiraataan magaalichaa itti kennee fi itti gaafatamummaa kenne ka’umsa godhachuun, galmoota bal’aa karoora waggoota shanan dhufaniifi bara baajataa 2019 irratti mari’annee fooyyessuun, raawwii waggoota shanan darban dachaa guddisuuf qophii ta’uu kan ittiin mirkaneessan akka ta’ee kaasaniiru.
Aadaa hojii 24/7 hojiitti hiikuu caalmaatti cimsuun, hoggansi dura dhaabbatee caalaatti saffisaan hojjechaa, uummataaf michoota misoomaa waliin qindeessuun, akkasumas muuxannoowwan babal’isuun, waggoota shanan dhufan olka’insaa biyyaalessaa keessatti Finfinneen fakkeenya badhaadhinaa akka taatu mirkaneessuuf ni tattaaffannaas jedhan.
Dabalataanis, hojiiwwan guyyoota 90’f yeroo bonaa qabaman, raawwii guyyoota 60 darbanis kan ittiin madaalan ta’uu himaniiru.