Uwwisa tajaajila fayyaa haadholii fi daa’immani caalmaatti guddisuuf hojjetamaa jira – Ministeericha

Finfinnee, Amajjii 1, 2018 (FMC) – Uwwisa tajaajila fayyaa haadholii fi daa’immani caalmaatti guddisuuf hojjetamaa jira jedhe Ministeerri Fayyaa.

Itiyoophiyaatti du’aatii haadholii fi daa’immanii hir’isuuf tarkaanfiiwwan imaammataa fudhataman bu’aa qabatamaa argamsiiseera jedhan Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan.

Dooktar Maqdas guyyaa haadhummaa baatii kana keessa kabajamu ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Waggoota darban keessa rakkoo fayyaa fi du’aatii haadholii wayita da’umsaa mudatu hir’isuuf tattaaffii taasifameen lakkoofsi haadholii dhaabbilee fayyaa keessatti da’anii dabaluu isaa ibsaniiru.

Dhaabbilee fayyaa keessatti tajaajilli baqaqsanii yaaluu hojiirra ooluun isaa jijjiirama akka fide eeruun, qaqqabummaan dhaabbilee fayyaa babal’achuun kunuunsi dahumsa duraa akka dabalu taasifameera.

Kanaaf kalaqnii fi faayinaansiin itti fufinsa qabu murteessaa ta’uu ibsuun, qaqqabamummaa odeeffannoo fayyaa dijitaalaa babal’isuu, meeshaalee yaalaa guutuu fi tajaajila baqaqsanii yaaluu babal’isuuf qooda fudhattoota waliin ta’uun akka hojjetan mirkaneessaniiru.

Guyyaan Haadhummaa Fayyaalettii akka idil addunyaatti yeroo 39ffaa akka biyyaatti immoo yeroo 20ffaaf mata duree “Kalaqaa fi faayinaansii itti fufinsa qabu Fayyaa Haadhummaaf ” jedhuun sagantaalee hubannoo uumuu adda addaatiin kabajama.

Hojiilee hanga ammaatti hojjetamaniin bu’aa jajjabeessaan argamuu kan eeran Dooktar Maqdas yeroo itti aanu caalmaatti fooyyessuuf ni hojjetama jechuu isaanii ENAn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment