Finfinnee, Caamsaa 17, 2017 (FMC) – Vaayirasiin Maariyyee Jaldeessaa Itiyoophiyaatti mul’achuu Ministeerri Fayyaa fi Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa beeksisan.
Dhibeen kun naannoo Oromiyaa magaalaa Mooyaaleetti mul’achuu ibsameera.
Ministeerri Fayyaa fi Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa Vaayirasii Maariyyee Jaldeessaa (Mpox) jedhamu kana ilaalchisuun ibsa kennaniiru.
Daa’ima umrii guyyaa 21 irratti kan mul’ate yoo ta’u, qorannoo gaggeeffameen haati daa’imattis dhibichaan qabamuu mirkanaa’uu eerameera.
Haatii daa’imaa fi daa’imti dhibichi irratti mul’ate bakka tursaa qophaa’etti galuun yaalli godhamaafii kan jiru yoo ta’u, hanga ammaatti lamaanuu haalli cimaan kan isaan hin mudanne ta’uu ibsichi eereera.
#Oromia #Ethiopia