Finfinnee, Hagayya 1, 2017 (FMC) – Viilaariyaall taphataa sarara gidduu Arsenaal Toomaas Paartee jijjiirraa bilisaan mallatteessisuun xumureera.
Viilaariyaall taphataa sarara ittisaa Arsenaal duraanii Toomaas Paartee jijjiirraa bilisaatiin mallatteessisuun dhuunfateera.
Lammiin Gaanaa Toomaas Paarteen Viilaariyaal waliin kontiraata waggaa tokkoof turuu fi waggaa dabalataa tokkoof dheeressuuf filannoon kaa’ameef mallatteessuuf waliigaleera.
Bara 2020 Atleetikoo Maadriid irraa gara Arsenaalitti kan ce’e Paarteen, Arsenaaliif taphoota 167 taphateera.
Yeroo ammaa kana yakka miidhaa saalaatiin himatamee wabiidhaan kan bahe taphataan kun dhimmi isaa seeraan qabamee jiraatus gara Viilaariyaalitti makamuuf qorannoo fayyaa kan xumureyoo ta’u,jira, jijjiirraan isaas yeroo dhiyootti kan ifoomu ta’uu “The Athletic’’ gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok:
https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.