Waadaa Mana Jireenyaa Ummataaf galle milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jirra – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 4, 2019 (FMC) – Waadaa Mana Jireenyaa Ummataaf galle milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jirra jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Waggoota shan keessatti manneen jireenyaa ijaaruun ummataaf dabarsuuf waadaa galle milkeessuuf boqonnaa malee hojjetaa jira jedhan Dooktar Abiy Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

Sababa hanqina mana jireenyaan rakkoolee fi dhiibbaa ummata keenyarra gahaa jiru haalan beekna, manneen jireenyaa sadarkaa isaanii eeggatan misoomsuu qofa osoo hin taane imaanaa fi itti gaafatamummaa ummataa qabnu haalan ni hubanna jedhan.

Xiyyeeffannoo keenya olaanaan bu’aa qabatamaa galmeessudha, dhiibbaa mana jireenyaa furuu fi lammiilee biyyattii hundaaf boqonnaa jireenyaa haaraa banuudha jedhan ergaa isaaniin.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment