Waadaa Uummata keenya amanamummaan tajaajiluuf seenne hojiirra oolchaa jirra- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Onkoloolessa 15, 2018(FMC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen waadaa Uummata keenya amanamummaan tajaajiluuf seenne hojiirra oolchaa jirra jedhan.

Misoomni Kooriidarii Saarbeet- Addabaabaayii Jarman- Gaarmeent- Furii bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiifi miseensonni Koree Hojii Raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa argamanitti eebbifamuun tajaajilaaf banameera.

Aadde Adaanech Abeebeen eebba pirojektii kanaa ilaalchisuun ergaa dabarsaniin, waadaa Uummata keenya amanamummaan tajaajiluuf seenne hojiirra oolchaa jirra jedhaniiru.

Hojiileen bu’uuraalee misoomaa hojjetaman kunneen magaalicha jireenyaaf mijataafi sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa kan taasisan, carraa hojii bal’aa kan uuman fi misooma waaraa mirkaneessuuf jijjiirama bu’uuraa kan fidan ta’uus eeraniiru.

Kana malees tajaajila kan si’eessaniifi karoora magaalicha ismaarti siitii gochuuf qabame milkeessuu kan dandeessisan ta’uu ibsan.

Misoomni kooridarii kun marsaa 2ffaan kan jalqabameefi kooriidarii Kaazaanchisitti aanee magaalichatti misooma kooriidarii dheeraa isa 2ffaa ta’uu kaasanii, lafa heektaara 589 irratti kan misoome ta’uu ibsan.

Kana malees:-

👉 daandii bal’ina meetira 60 fi dheerina kiiloomeetira 16.5 akkasumas daandii keessa keessoo dabalataa kiiloomeetira 3.5 kan qabu

👉Daandii imaltoota lafoo kiiloomeetira 33

👉 Daandii Biskiletii kiiloomeetira 13 .3

👉 Pilaazaawwan 21

👉 Dirreewwan ispoortii 20

👉 iddoowwan daa’imman itti taphatan 20

👉 Misooma qarqara lagaa kiiloomeetira 5 . 2

👉 Terminaalotaa fi iddoo dhaabbii konkolaataa 20 fi buufata konkolaataa chaarjessu 1

👉Suuqiiwwan namoota dhuunfaafi mootummaan ijaaraman kuma 1 fi 107

👉 Iddoowwan magariisaa heektaara 50 .5

👉 Manneen Fincaanii Uummataa 40

👉 Iddoowwan awutoobisoonniifi taaksiiwwan namota fe’aniifi buusan 38

👉 Kaaffeewwan 13 fi Reestoraantii 1 akkasumas iddoo narsarii heektaara 1 kan of keessatti hammate ta’uu eeraniiru.

Qaamolee pirojektiin kun yeroo qabameefitti qulqullinaafi ariitiin akka xumuramuuf gaheesaanii bahatan hunda galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment