Finfinnee, Waxabajjii 28, 2017 (FMC) –Waadaan Saqoxaa hojiirra ooluun fayyaa hawaasaa fooyyessuun wabii fayyaa ta’aa jira jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan.
Raawwiin Tarsimoo sirna nyaataa fi Waadaa Saqoxaa bara 2017 fi kallattiin bara itti aanuu gamaaggameera.
Karoorri Tarsimoo sirna nyaataa fi Waadaa Saqoxaa waggoottan 15 tajaajila Inshuraansii fayyaa Itiyoophiyaa furmaata mandhalee taasisuun tattaaffii godhamuuf agarsiiftuudha jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan.
Akkaataa Karoora Waadaa Saqoxaa waggoottan 15niin fayyadamummaa tajaajilamtootaa mirkaneessuuf hojiin aanaalee keessati babal’iisuu hojjetamaa jira jedhan.
Bara 2017 keessa sadarkaa biyyaatti aanaalee kuma 1 fi 195 keessatti hojiirra oolchuun kutaalee hawaasaa miiliyoona 13.67 miseensa gochuun danda’amuu kaasan.
Kanaaniis lammiileen miiliyoonni 63 ol uwwisa Inshuraansii fayyaa akka argatan taasisuun danda’amuu eeran.
Leeyikuun Alemtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.