Waa’ee Ulfaa

Finfinnee, Adoolessa 16, 2017 (FMC) –Ulfaa fi jijjiiramoota qaamaa yeroo ulfaa.

Haati tokko yemmuu ulfooftu jijjiiramoota adda addaa akka keessummeessitu saayinsiin fayyaa ni mul’isa.

Kunis ulfaatina an dabaluu irraa eegalee wantoota hedduu of keessatti qabata.

Yeroo ulfaa, ulfaatini qaamaa haadholiin ulfaa dabalan namaa namatti garaagarummaa haa qabaatu malee, haati ulfaatinna qaamaa hojjaan madaalawaa ta’e qabdu takkaa yeroo ulfaa Kiiloo Giraama 10-12 jiddu-galeessaan ni dabalti.

Qabiyyeen dhiiga ishiis kan duraa irra % 40 – 50 ni dabala.

Dha’annaan onnee ishii haga duraa irra daqiiqaatti 10 – 15 ol ka’uu danda’a.

Sochiin mucaa gadameessa keessaas ulfaa’amee ji’a 4 – 5 tti ni eegala.

Mucaan garaa keessa jiru/tu guyyaatti yoo xiqqaate si’a 12 socho’a/ti.

Ulfaatinni obbaatii 1/6 ffaa ulfaatina mucaa akka ta’u ragaaleen ni mul’isu.

Dubartiin tokko erga deesseen ykn erga irraa baheen booda yoo harma hoosisuu baatte, torban 3 – 4 keessatti ulfa’uu dandeessi.
Haati ulfaa of eeggannoo fudhachuu qabdu garaa garaa akka jirus ogeeyyiin damichaa ni gorsu:

• Haati tokko wayita ulfaa araada garagaraa irraa fagaachuu qabdi.
• Dhugaatii Alkoolii kamiinuu, sigaaraa, shiishaa, wantoota aarfaman kan biroos gonkumaa fayyadamuu hin qabdu.

• Ajaja ogeessa fayyaa malee qoricha fayyadamuu hin qabdu.
• Foon dheedhii nyaachuu hin qabdu.

• Dubartoonni wayita ulfaa Nyaata madaalamaa yoo fayyadaman dandeettii waa yaaduu fi kalaquu daa’imman egereef murteessaadha.

Dubartoonni ulfaa of-eeggannowwan isaan godhan keessaa inni tokko haala itti ciisan beekuudha.

Kanaafuu, kallattii ciisichaa bu’aa fi miidhaa qabu beekaanii of-eeggannoo taasisuun murteessaadha.

Rogaan ciisuun hunda caalaa filatama.

Gama bitaan ciisuun, dhiigni gahaa fi albuudonni barbaachisoo ta’an gara bishaan gubbee ykn “placenta” deemuun daa’imaaf faayidaa guddaa kenna.

Dubartoonni ulfaa dugdaan ciisuun/rafuun dhiibbaa akka qabu ogeessoonni fayyaa ni gorsu.

Akka ogeeyyiin fayyaa jedhanitti, dubartoonni ulfaa wayita ji’a jaha dhaqqabaniin booda gadaamessi isaanii guddachaa waan deemuuf dugdaan yoo ciisan,ujummoon dhiigaa guddaan dhiiga onneerraa fuudhee oliifi gadi deddeebisu waan cafaqamuuf dugdaan ciisuun hin gorfamu.

Haati ulfaa takka guyyaa jalqabaa xuriin laguu isii kan dhumaa (ulfaayuun dura jiru) dhufe san galmeeffate qabachuu qabdi.

Inni kun hordoffii yeroo ulfaa ishiif godhamu irratti faayidaa garagaraa heddu qaba waan ta’eef.

Haati ulfaa tamuu Hordoffii Ulfaa qabaachuu qabdi. Haati ulfaa rakkoo fayyaa biraa hin qabne takka hordoffii Ulfaa dhaabbilee fayyaatti marsaa saddeetiin ishiif taasifamuu qaba.

kan jalqabaa ji’a sadi dura yeroo tokko, kan lammataa ji’a shanaaffaa irratti, kan sadaffaa ji’a jahaaf walakkaa irratti, kan arfaffaa fi shanaffaa ammoo turtii ji’a tokko tokkootiin ji’a torbaaf walakkaa fi ji’a saddeetiif wolakkaa irratti, Hordoffiin Ulfaa jahaffaa, torbaffaafi saddeetaffaan ammoo ji’a saddeetiif walakkaa booda torbaan lama lamaan hanga deessutti kan godhamu ta’a jechuudha.

Haati ulfaa takka sochii qaamaa gochuu akka qabdus gorfama. Fkn guyyatti daqiiqaa soddomaaf deemsa lafoo (miilaa) deemuu ni dandeessi.

Yeroo ispoortii hojjattus garaan ol deebitee ciisuudhan hojjachuu hin qabdu.

Haati ulfaa takkaa yoo xiqqaate yeroo tokko (ji’a jaha ga’uun dura) Altiraasaawundii ilaalamuu qabdi.

Haati ulfaa takka mallatoolee armaan gadii kana yoo mudateen ykn ofi irratti agarte hatattamaan gara dhaabbilee fayyaa deemuu qabdi: Dhiigni qaama saalaatiin ykn gadaamessaa as bahu/jigu yoo jiraate, dhangala’aan akka bishaanii yoo qaama saalaatii heddumaatee jigaa ykn uffata jalaa jiisaa jiraate, qaamni ishee (harka, lukaa fi fuulli) yoo dhiita’aa dhufe, bowwoo hamaan, ijji itti dimimmisuun, naannoo cinaacha mirgaa/lapheetti dhukkubbiin hamaan yoo jiraate, of wallaaluun, qaamni ishee hargufamuun (ijji adiin olgaragaluun hoomachi afaanii jiguun), hafuurri hanqachuun/ garmalee hargansiisuun, daa’imni gadaamessa keessa jiru kan sosochi jalqabe yoo sosochiin sun xiqqaate ykn dhabame, dhangala’aan foolii qabu kan qaama saalaatii as bahu fi hoo’i qaamaa yoo jiraate.

Dubartiin ulfaa takka deeggarsa hamilee fi xiinsammuu abbaa-warraa, maatiifi hiriyyoota isii irraa argachuu qabdi jedhu ogeeyyiin yaala fayyaa.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment