Waajjirri Giiftii Duree Mana Baruumsaa Qaroo Dhabeeyyii sadarkaa 2ffaa Birhaaniif deeggarsa taasise

Finfinnee, Hagayya 5, 2017(FMC)- Waajjirri Giiftii Duree Mana Baruumsaa Bultii Addaa Qaroo Dhabeeyyii Sadarkaa 2ffaa Birhaaniif deeggarsa meeshaalee garaagaraa kenneera.

Waajjirri Giiftii Duree dhaloota qaruu fi lammii baratee horachuuf hojiilee murteessoo ta’an hojjechaa jira.

Haaluma kanaan Waajjirichi damee Barnootaaf xiyyeeffannoo kennuun, waggoottan shanan darban manneen barnootaa Sadarkaa 2ffaa 35 guutuu biyyatiiti ijaaruun tajaajila barnootaa akka argatan taasiseera.

kanneen keessaa tokko Mana Baruumsaa Bultii Addaa Sadarkaa 2ffaa Qaroo dhabeeyyii Birhaan yoo ta’u, manni Baruumsichaa barattoota 400 naannoolee garaagarraa simachuun barsiisaa jira.

Waajjirri Giiftii Durees adeemsa baruufi barsiisuu, fedhii barattootaa fi mana baruumsichaa dhiheenyatti hordofuun deeggarsa dabalataa taasisaa jiraachuun eerameera.

Guyyaa Har’aas adeemsa baruufi barsiisuu saffisiuuf kan deeggaru meeshaalee garaagaraa kenneera.

Dabalataaniis kilinika Mana baruumsichaa keessatti tajaajila fayyaa barattootaaf kennuuf deeggarsa meeshaalee wal’aansaa kenneera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment