Waaliyaawwan har’a gulaallii Waancaa Afrikaan morkiin taasisan ni eegama

Finfinnee, Sadaasa 8, 2019 (FMC) –Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa tapha gulaallii Waancaa Afrikaa marsaa 4ffaan morkiin har’a gita isaa Moozaambiik waliin taasisu ni eegama.
Waaliyaawwan tapha har’a waaree booda sa’aatii 10:00 eegalee Istaadiyeemii Bahiirdaaritti taphatamu kanaan Os Mambas (The Mambas) injifannaan carraa Waancaa Afrikaa 2027’f darbuuf qaban caalmaatti bal’ifatu.
Moozaambik qabxii 4’n Sadarkaa 2ffaa, Itiyoophiyaan ammoo qabxii 3’n sadarkaa 3ffaa irratti kan argaman yoo ta’u, Gareen lamaan Sadarkaa 2ffaa qabachuuf morkiin gaggeessan xiyyeeffannoo argateera.
Waaliyaawwan har’a Moozaambiik injifachuun tapha marsaa 5ffaa Sudaan waliin qaban injifannaan carraa darbuuf qaban ni bal’iftu.
Waancaa Afrikaaf darbuuf taphichi murteessaa waan ta’eef ittisa filannee dirree hin seennu jedhan Leenjisaan garichaa Yohaannis Saahileen.
Comments (0)
Add Comment