Waancaa Afrikaan har’a taphni sadarkaa Ijiptii fi Naayijeeriyaa gidduutti taphatama

Finfinnee, Amajii 9, 2018 (FMC) – Waancaa Afrikaa 35ffaa qopheesummaa Moorookoon gaggeeffamaa jiruun har’a taphni sadarkaa Ijiptii fi Naayijeeriyaa gidduutti taphatama.

Sadarkaa 3ffaa argachuuf falmiin biyyoota lamaan gidduutti taasifamu ni eegama.

Tapha walakkaa xumuraan Seeneegaaliin kan injifatamte Ijipti, akkasuma Moorookoon waancaa ala kan taate Naayijeeriyaan har’a galgala sa’aatii 1:00 eegalee waliin morkatu.

Taphni xumuraa waancaa Afrikaa boru Moorookoo fi Seeneegaal gidduutti taphatama.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment