Finfinnee, Mudde 15, 2018 (FMC) – Tapha waancaa Afrikaa Moorookootti gaggeeffamaa jiruun har’a taphoonni 4 ni taphatamu.
Har’a waaree booda sa’aatii 9:30 irraa eegalee Burkiinaa Faasoon Ikkuwaatoriyaal Giinii waliin ni taphatu.
Akkasuma sa’aatii 12:00 irraa eegalee Aljeeriyaan Sudaan, galgala sa’aatii 2:30 irraa eegalee Kootdivowaar Moozaambiik waliin yoo taphatan, halkan sa’aatii 5:00 irraa eegalee ammoo Kaameeruun Gaaboon waliin ni taphatu.
Taphoota eda halkan taphatamaniin Tuuniziyaan galchii 3 fi 1’n Ugaandaa, Naayijeeriyaan galchii 2 fi 1’n Taanzaaniyaa, akkasuma Rippaabiliik Diimokiraatawaa Koongoon galchii 1 fi 0’n Beeniin injifachuun kan yaadatamuudha.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.