Finfinnee, Amajjii 6, 2018 (FMC) – Taphoota waancaa Afrikaa 35ffaa qopheessummaa Moorookoon gaggeeffamaa jiruun har’a taphoonni walakkaa xumuraa 2 ni taphatamu.
Galgala sa’aatii 2:00 eegalee morkiin Seeneegaal Ijipti waliin taasiiftu ni eegama.
Biyyoonni lamaan taphoota kanaan dura waliin taphatan 7 keessaa Seeneegaal yeroo 3 yoo injifattu, Ijiptis si’a 3 injifachuun yeroo 1 qabxii qooddataniiru.
Akkasuma halkan sa’aatii 5:00 jalqabee falmiin Moorookoo fi Naayijeeriyaa gidduutti taasifamu xiyyeeffannoo argateera.
Biyyoonni lamaan taphoota 11 kanaan dura waliin taphatan keessaa Moorokoon yeroo 6 yoo injifattu, Naayijeeriyaan si’a 4 injifachuu, yeroo 1 qabxii qooddataniiru.
Waancaa Afrikaa 35ffaan Dilbata dhufu xumura argata.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.