Waancaa Liigii Ingiliziin taphni har’a Arsenaal Biraayitan, Liiverpuul ammoo Kiristaal Paalaas keessummeessan ni eegama

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2018 (FMC) – Waancaa Liigii Ingiliz tapha moo’anii darbuun taphni har’a Arsenaal Biraayitan, Liiverpuul ammoo Kiristaal Paalaas keessummeessan ni eegama.

Taphni nuusa xumuraaf darbuuf taasifamu kun har’a halkan sa’aatii 4:45 eegalee kan taphatamu yoo ta’u, morkiin Arsenaal – Biraayitan, Liiverpuul – Kiristaal Paalaas waliin godhan xiyyeeffannoo argateera.

Sa’aatuma walfakkaatuutti Siwaansi Siitiin – Maanchiister Siitii, Woolviis ammoo Cheelsii waliin falmatu.

Halka sa’aatii 5:00 jalqabee taphni Niwuukaasiil Tootenhaam keessummeessus xiyyeeffannoo argateera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment