Finfinnee, Sadaasa 30, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan Itiyoophiyaatti wagga waggaan daddabarsi maallaqaa diijitaalaa Birrii tiriiliyoonni 18.5 ni raawwatama jedhan.
Obbo Tamasgeen Xurunaan Konfiransii 2ffaa Kaffaltii Dijiitaalaa Itiyoophiyaa irratti haasawaa taasisaniin, misoomni diinagdee dijiitaalaa waggoottan darban Itiyoophiyaatti ijaarame hojiilee yeroo itti aanutti damichaan hojjetamuuf dandeettii dabalataa ta’uu ibsan.
Ijaarsa diinagdee dijiitaalaa keessaa hojiin gama waraqaa eenyummaa Faayidaan hojjetame diinagdee dhaabbilee garaagaraa walitti qindeessuun ijaaramaa jiru keessatti hirmaannaa lammiileef balbala banuun tajaajilaa jira jedhan.
Tajaajilli qindaa’aan Tajaajila Giddugala Tokkoo MASOB’n kennamaa jiru agarsiistuu ce’umsa dijiitaalaa ta’uu ibsuun, tajaajila si’ataafi ammayyaaf fakkeenya ta’uus eeraniiru.
Hojiileen ce’umsa dijiitaalaa mootummaan eegalaman galmaan gahuuf qaamolee qooda fudhattootaafi kutaalee hawaasaa hunda hirmaachisuun hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Konfiransii kanarratti Tarsiimoon Kaffaltii Dijiitaalaa Biyyaalessaa waggoota shaniif bara 2026 hanga 2030’tti hojiirra oolu ifoomeera.
Layikuun Alamtu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.