Finfinnee, Sadaasa 9, 2018 (FMC) –Taphataa sarara fuulduraa Poolchuugaal Kiristiyaanoo Roonaaldoon tapha michoomaa gareen biyyaaleessaa Poorchuugaalii fi Ameerikaa taphataniif gara Ameerikaa kan imalu ta’uu ifoomseera.
Roonaaldoon bara Faranjootaa 2014 tapha michoomaa Maanchiister Yuunaayitii Riyaal Maadriid waliin taphate irratti ture yeroo dhumaaf gara Ameerikaa kan imale.
Poorchuugaal Waancaa Addunyaa 2026 Ameerikaa, Kanaadaafi Meeksiikoon waloon qopheessaniif darbuu hordofee Kiristaanoo Roonaaldoon tapha michoomaaf gara Ameerikaa imaluufi.
Ronaaldoon, Tiraamp nagaa addunyaa deebisuuf shoora taphataniif uffata lakkoofsa 7 irratti mallatteesse kennaan erguufiin ni yaadatama.
Roonaaldoon turtii tibba darbe Piirs Morgaan waliin taasiseen Pireezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraampi waliin wal arguun dhimma nageenyaarratti mari’achuu akka barbaadu ibsee jira.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeetiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.