Finfinnee, Sadaasa 23, 2018 (FMC)- Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan waggoottan sadan darbanitti paarkonni 24 fi iddoowwan ikoo-turizimii haaraan 18 hundaa’aniiru jedhan.
Obbo Shimallis Abdiisaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa fedhii misooma dinagdeefi fulla’iinsa naannawaa gidduutti madaallii eeguun socho’aa jiraachuu ibsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.
Ikoo-Turizimii Oromiyaa: Imala Hawwata Turizimii Keenya Rog-daneessuu
Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa fedhii misooma dinagdeefi fulla’iinsa naannawaa (environmental sustainability) gidduutti madaallii eeguun socho’aa jira. Rifoormii sektaraalee dinagdee damdaneessuf gaggeessen, turizimii akka toora xiyyeeffannootti fudhachuun baldhinaan misoomsuu irratti argama.
Adeemsa turizimii baramaa, hawwata dhaala seenaafi aadaa/amantaa qofa irratti daanga’ee ture, yaadama ikoo-turizimii beeksisuufi misoomsuun, naannawa umamaa (teessuma lafaa, bosona, yaa’awwan, bineensota, …) gara hawwata turizimiitti fiduu danda’eera. Kanaanis, galma sektaricha rog-daneessuuf qabate gulantaa tokko olguddisuu danda’eera.
Naannichi, inisheetivii misooma paarkiifi ikoo-turizimii karoora ittifayyadama lafaa naannichaatiin walsimu, akkasumas hirmaachisummaafi fayyadamummaa hawaasa naannawaa (local community) mirkaneessuu danda’an bocee, baldhinaan misoomsuu irratti argama.
Bu’uuruma kanaan, waggoottan sadan darban qofa paarkota 24’fi iddoowwan ikoo-turizimii 18 haaraa hundaa’aniiru. Paarkonni kunniin godinaalee 14 keessatti kan argaman yoota’u, lafa hekt. kuma 534 ol uwwisu. Tarkaanfiin kun, paarkota buleeyyii sadan (Paarkii Biyyoolessaa Gaarreen Arsii, Paarkii Biyyoolessaa Booranaafi Paarkii Biyyoolessaa Dhaatii Walal) dabalatee, paarkota naannoo keenyaan bulaan gara 27’tti kan guddisedha.
Iddoowwan ikoo-turizimii haaraa 18’ttan, lafa hekt. kuma 117 ol uwwisu. Inisheetiviin babaldhina ikoo-turizimii kun, fulla’iinsa naannawaa mirkaneessuu cinaatti, hawaasa naannawaatiif carraa hojii qonnaan alaafi filannoo galii dabalataa kan umudha.
Dabalataanis, hawaasni fayidaa dinagdee argachuun isaa, eegumsaafi kunuunsa naannawaaf taasisu cimsee akka ittifufu kan jajjabeessudha.
Ikoo-turizimiin, malli jireenyaa, dhaalli aadaafi duudhaan hawaasa naannawaa, daawwattoota seen-duubee garagaraa qaban biratti akka hubatamu kan taasisudha. Akkasumas, hubannoo, ilaalchafi beekumsa haaraan akka walqunnamu carraa kan banudha.
Qabeenya naannawaafi eegumsa taasifamuu malu ilaalchisee, hubannoo daawwattootaas ta’ee hawaasa naannawaa guddisuuf waltajii ta’ee kan tajaajiludha. Hunda caalaa, dhiibbaa hi’intaa turizimii baramaan hawaasummaa, ilaal-qalbii, qaama ykn amala naannawaafi hawaasa qe’ee irraan gahu daran kan hirdhisudha.
Mootummaan Naannichaa, fayidaalee gama naannawaa, dinagdeefi hawaasummaatiin argamuu qaban kunneen mirkaneessuuf, Karoora Tarsiima’aa Ikoo-turizimii Oromiyaa qopheessee hojjechaa jira.
Iddoowwan ikoo-turizimii haaraa hundaa’an keessaa, marsaa duraatiin saddeet (08) filatee dhaqqabummaafi mijatummaa isaanii misoomsuu irratti argama.
Gama bu’uuraalee misoomaatiin, waggoota muraasa darban, buufataalee xayyaaraa ikoo-turizimii dabalatee, dhaqqabummaa hawwata turizimii naannichaa giddugaleeffatan jaha (06) misoomsuun afur (04) hojiitti galcheera. Gama hidhamiinsa daandiifi ‘telecom’ mirkaneessutiinis hojiilee gurguddaa raawwachaa jira.
Saddeettan duursa argatan keessatti, hojiin “faasiliitiwwan” toora qunnamtii dhaqqabummaafi mijatummaa misoomsuu gaggeeffamaa jira.
Gama tokkoon agarsiiftuwwan (signage) garagaraa, giddugala odeeffannoo dawwattootaa, qubsuma kaampii (campsite)’fi kkf guutuu irratti argama. Gama birootiin barroo gorsaa (manual) duudhaalee ikoo-turizimii, qabiinsa daawwattootaafi sirna sagaleen hawaasa naannawaa ittiin dhaggeeffatamu qopheessuufi diriirsuun ittifufee jira. Akkasumas, qacarriin hojjettootaafi hooggantootaa gaggeeffamaa jira.
Waldaalee ikoo-turizimii hawaasaa hundeessuun, hawaasa daldala turizimii keessa galchuuf sochii baldhaan taasifamaa jira. Hawaasi naannawaa carraalee hojii qajeelcha turistii, gabaa meeshaalee hojii harkaafi aadaa, tajaajila dhiyeessii nyaataa, geejjibaafi bultii irratti hirmaachuun galii ittifufiinsa qabu akka argatu hojiin hubannoo umuufi deeggarsa ogummaa kennuu raawwatamaa jiru.
Hojiilee beeksisaafi dhaadhessa gabaa turizimii raawwatamaa jiraniin, hoteelonniifi loojiiwwan hawaasaa babaldhachuu irratti argamu. Iddoowwan saddeettan marsaa kanaan duursa argatan cinaatti, piroojektoonni toora gandoota turizimii hawaasaan durfaman hojiirra oolaniiru. Gama kanaan, piroojektoota Ikoo-turizimii Wancii—Daandiifi mandara ikoo-turizimii filatamtuu Leephis kaasuu dandeenya.
Uwwisni lafa paarkileefi iddoowwan ikoo-turizimii waggoottan sadan darban hundeeffaman hekt. kuma 650 gaheera. Dabalataanis, paarkota buleeyyii naannodhaan bulan sadi, mootummaa federaalaatiin bulanifi naannolee ollaa waliin daangaa qooddatan shanifi dawoo bineensota bosonaa (santuary) naannodhaan bulan lama kaasuun nidanda’ama.
Mootummaan Naannoo keenyaa, dilbiiwwan hawwata turizimii naannichaa duguugee fayyadamuuf karoora tarsiima’aa bocee socho’uu irratti argama.
Fakkeenyaaf, labsii invastimantii dhuunfaa “medical tourism”fi keessummeessa (hospitality) jajjabeessu baasera. Bu’uuruma kanaan, fageenya giddugala biyyaa irraa qabaniin, invastimantii fayyaaf waggoota 10-15, keessummeessaf hanga waggoota 5’tti, lafti liizii irraa bilisa kan dhiyaatu ta’a.
Dabalataanis, magaalaa Bishooftuu, karoora mummee (master plan) haaraa qopheessuun, akka magaalaa turizimiitti caasesseera.
Karoorichi qooddattoota danuu kan walsimsiisedha. Gama tokkoon naannawa umamaa (harawwan, gaarren, bosona), dhaala seenaafi aadaa (Irreechaa, qe’ee Harsadee, Odaa Nabee) kan ka’anidha.
Gama birootiin buufata xayyaaraa magaalichatti misoomu yaa’iinsa “medical tourism”fi daawwannaa idileetif oolchuun akka danda’amu, haala addaatiin kan qophaa’edha.
Walumaagalatti, sirnakkoo dandeessisoon gama maraan umamaa jiru, hundaa’ol ammoo, inisheetivoonni Looreeta Nagaa Addunyaa, Muummee Ministiraa keenya Abiyyi Ahimad (PhD) kanneen akka Wancii-Dandii, Beenunaa, Soof-Umar, Loojiiwwan Diinshoofi Sannaatee, invastimantii sektarri dhuunfaa gama turizimiitiin taasisu daran dadamaqsaa jira. Mootummaan Naannoo Oromiyaa, tarkaanfii gama misooma turizimiitiin eegale humna guutuufi invastimantii fulla’iinsa qabuun cimsee kan ittifufu ta’a.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.