Waldaalee Hojii Gamtaa cimsuun rakkoolee hawaas-diinagdee furuufi gabaa tasgabbeessuuf…

Finfinnee, Bitootessa 13, 2018 (FMC) – Waldaalee Hojii Gamtaa cimsuu fi ammayyeessuun rakkoolee hawaas-diinagdee furuufi gabaa tasgabbeessuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhe  Ejensiin Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa.

Godina Shawaa Kaabaatti bu’aa riifoormii Waldaalee Hojii Gamtaan waggoottan darban argamerratti mari’atameera.

Bulchaa Godina Shawaa Kaabaa Obbo Kifaloo Adaree, Ittaanaa Hogganaan Ejensii Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Naannoo Oromiyaa obbo Mahaammed Kamaal, Itti gaafatamtoonni Godinaaf Aanaa akkasuma Koreen Waldaalee maricharratti hirmaataniiru.

Waldaalee faffaca’anii jiran gara tokkotti fiduun dandeentii isaanii cimsuufi ammayyeessuun rakkoolee hawaas dinaagdee furuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu Itti gaafatamaan Waajjira Waldaalee Hojii Gamtaa godinichaa obbo Girmaa Getaachoon ibsaniiru.

Riiformiin Waldaalee Hojii Gamtaa keessatti taasifame rakkoolee turan furuun humna waldaalee cimsuun diinagdee biyyaaf gumacha irraa eegamu bahachaa jiraachuu Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa Obbo Kifaloo Adareen dubbataniiru.

Waldaan hojii gamtaa humna tulluu hiyyummaa diigudha jedhan.

Godina Shawaa Kaabaatti hojiileen Waldaalee Hojii Gamtaan hojjetaman daran gaarii ta’uu kan ibsan Ittaanaa Hogganaan Ejensii Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Naannoo Oromiyaa obbo Mahaammed Kamaal, waldaaleen hojii gamtaa rakkoolee sadarkaa nama dhuunfaatti hiikamuu hin danda’ámne waloomaan hiikuu, dhiyeessii babal’isuu fi gabaa tasgabbeessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsan.

Akka Oromiyaatti Waldaaleen Hojii Gamtaa kumni 20, Yuuniyeeniwwan 117 miseensota miiliyoona 17 qaban kappitaala Birrii biiliyoona 20 horachuu ibsan obbo Mahaammed Kamaal.

Akka Godina Shawaa Kaabaatti waldaaleen 578 fi Yuuniyeeniwwan 4 miseensota kuma 200 fi kuma 93 qaban , kaappitaala Birrii biiliyoona 2 fi miiliyoona 200 fi miiliyoona 50 fi kuma 200 ol horachuu obbo Girmaa Getaachoon Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment