Finfinnee, Sadaasa 22, 2018 (FMC) – Waldaalee Hojii Gamtaa dorgomaafi haala qabatamaa addunyaa waliin deeman horachuun barbaachisaadha jedhan Itti Aanaan Komishinaraa Komishiinii Waldaalee Hojii Gamtaa Itiyoophiyaa obbo Shiisammaa Gabra Silaaseen.
Komishinarichi akka biyyatti waldaaleen hojii gamtaa kumni 89 akka jiraniifi waldaalee kanneen jalatti miseensootni miiliyoona 25 hammatamuu himan.
Waldaalee miseensoota bal’aa qabatan kana mul’ata biyyaa dhugoomsuu haala danda’aniin gahoomsuun murteessaa ta’uus eeraniiru.
Waltajjiin Waldaalee Hojii Gamtaa Gahoomsuu magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira.
Waltajicharratti waldaaleen biyyatti tokko tokko sirna gabaa addunyaa keessa seenuun dorgomaa ta’an jiraachuun himameera.
Muuxannoo waldaalee kanneenii babal’isuun ni barbaachisas jedhame.
Waltajichi Kilaastera Jimmaa irratti gaggeeffaamaa jiru irratti ogeeyyiin waldaalee hojii gamtaa Kibba Lixa Oromiyaa, Gaambeellaafi Kibba Lixa Itiyoophiyaa irraa waltii babbahan hirmaataa jiru.
Waltajjiin waldaalee hojii gamtaa gahoomsuuf gargaaru kun Jimmaan dabalatee kilaastaroota afur irratti akka gaggeeffamaa jira.
Abeenzeer Taayyeetiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.