Finfinnee, Amajjii 19, 2018(FMC) – Waldaaleen hojii kosiingoggogaa deebisanii misoomsuu irratti gurmaa’an ji’oottan ja’an darabanitti galii birrii boliyoona 1.5 ol argachuu isaanii Ejensiin Bulchiinsa Qulqullinaa Finfinnee ibseera.
Korojoowwan pilaastikaa fi qaruuraawwan salphaatti bututuu waan hindandeenyeef sirnaan yoo hindhabamsiifamne madaala naannoo jeequun fayyaa namaa, beelladootaa fi biqilootaa irratti miidhaa guddaa geessisu.
Magaalattiitti kosii goggogaa qulqulleessuu fi deebisanii faayidaa irra oolchuun naannoo faalama irraa baraaruuf ejensichi hojjechaa jira.
Itti aanaan Daayireektera Olaanaa Ejensichaa Mulaat Taganyi akka jedhanitti, kosiiwwan goggogaan adda addaa lageenii fi bakkeewwan garaa garaa irratti gatamanii naannoo faalaa akka turan yaadachiisaniiru.
Erga hojiin qulqullinaa eegalamee asi kosiiwwan goggogaa walitti qabuun naannoon akka hinfaalamneef haalli miijachuu danda’eeraa dha kan kedhan.
Hojiin Kosii goggogaa deebisanii misoomsuu bara 2013 irraa eegalee xiyyeffannoon hojjetaamaa jiraachuu eeranii, kanaanis carraan hojii namoota hedduuf uumamuu hubachiisaniiru.
Dargaggoota Kosiiwwan pilaastikii gara oomisha kan biraatti jijjiiruu irratti bobba’aniif walitti hidhamiinsa gabaa akka argataniif hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
Yoonaas Geetinnatiin
#Oromia #Ethiopia