Waldaan Aksiyoonaa Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa murtoowwan garaagaraa dabarse

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2017 (FMC) – Koreen Namuusaa fi hoggansa dorgommii Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa murtoo Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa dabarse bu’uura taasiisuun Buna Sidaamaa, Machaalii fi Magaalaa Hawaasaarratti murtoowwan garaagaraa dabarse.

Kilaboonni kunneen qajeelfama bulchiinsa sirna Kaffaltii Kilaboota Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa darbuun taphattoota adabbiirra jiran keessaa yoo xiqqaate tokko hiriirsiisuun taphachiisaa turuu isaanii gabaasa abbootiin Murtee taphaa dursan dhiyeessanirraa mirkanaa’uu korichi ibseera.

Sababa kanaan kilaboonni kunneen tapha taphoottoota kanneen hiriirsisuun taphachiisan hundi foorfeen akka injifataman, akkasumas garee faallaaf qabxiin 3 fi galchiin 3 akka kennamu, kilaboota sadaniif ammoo tokkoon tokkoon taphaaf qabxii 0 fi idaan galchii 3 akka irratti galmaa’uu koreen bulchiinsa dorgommii fi Namuusaa murteesseera.

Murtoo kana hordofee sadarkaa fi hammi galchii Piriimeer liigii Itiyoophiyaa bara 2017 sirrachuu Koreen hoggansa dorgommii fi namuusaa Waldaa Aksiyoonaa Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa beeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment