Waldichi haleellaa suukaneessaa gareen finxaaleyyii barsiisotarratti raawwatu balaaleffate

Finfinnee, Ebla 17, 2017 (FMC) – Waldaan Barsiisoota Itiyoophiyaa haleellaa suukaneessaa gareen finxaaleyyii naannoo Amaaraa keessa socho’u barsiisotarratti raawwatu balaaleffateera.

Naannichatti adeemsi baruu fi barsiisuu akka kabajamu maatii fi hawaasni haleellaa suukaneessaa barsiisotarratti raawwatamu balaaleffachuu akka qaban Pireezidaantiin Waldaa Barsiisota Itiyoophiyaa Dooktar Yohaannis Bantiin eeraniiru.

Waldichi sadarkaa idileen duraa eegalee hanga Yuuniversiitiitti mirgi barsiisootaa akka kabajamu tattaaffachaa jiraachuu himaniiru.

Haleellaa suukaneessaa gareen finxaaleyyii naannoo Amaaraa keessa socho’u barsiisotarratti raawwatu waldichi cimsee kan balaaleffatu ta’uu Dooktar Yohaannis ibsaniiru.

Gochichi qajeeltowwan Mootummoota Gamtoomanii kan sarbe ta’uu dubbataniiru.

Naannichatti iddoolee adeemsi baruu fi barsiisuu adda citee turetti irra deebiin eegalchiisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Yeroo ammaa naannichatti waliigalaan hammi barattoota barnoota barachaa jiranii % 40 qofa ta’uu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment