Finfinnee, Fulbaana 18, 2018 (FMC) – Waldaan Qorannoo Oromoo hojiilee eegale caalmaatti cimsuun seenaa hojjechuu qaba jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Waldichi kitaabota 4 qabiyyee adda addaa of keessaa qaban fi qorannoon dabaalaman bakka Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan argamanitti eebbisiise.
Kitaabonni kunniin, Seenessa dogoggoraa Oromoofi Oromiyaa irratti barreeffamaa turan toora qabsiisuufi hubannoo dhugaa qabu hawaasa biraan gahuuf Afaan Oromoo, Afaan Amaaraafi Afaan Ingiliziitiin kan barreeffamanidha.
Seenaa, aadaa, falasamaafi eenyummaa Oromoo irratti qorannoo gadifagoo taasisuun kan qophaa’an ta’uunis ibsameera.
Obbo Shimallis Abdiisaan sagantaa eebba kitaabaa kanarratti ergaa dabarsaniin, Waldaan Qorannoo Oromoo eenyummaa Oromoo cimsuufi qorannoon deeggaree baasuu keessatti gahee olaanaa bahachaa jira.
Hayyoonni qorannoo keessatti hirmaachuun egeree Oromoo utubaa jiran galata olaanaa qabachuus himan.
Waldichis hojiilee eegale kana caalaatti cimsuun seenaa hojjechuu akka qabu dhaaman.
Hayyoota gaheesaanii bahachuun Oromoo mataa ol qabaniif beekamtii kennuun dhaloota jiru onnachiisuufi akka eenyummaa isaa beeku taasisa jedhan.
Dhumarratti Hayyoota Oromoo seenaa barreeffama Oromoo keessatti gahee guddaa bahatan Sheek Bakrii Saphaloofi Dooktar Hayilee Fidaatiif beekamtiin kennameera.
Baahiluu Baaneetu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.