Finfinnee, Guraandhala 10, 2018 (FMC) –Wal-dorgommiin shaampiyoonaa Ispoortii manneen barnootaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Sabbataatti gaggeeffamuu eegaleera.
Dhaloota dorgomaa ta’eefi ispoortessitoota ciccimoo egeree Magaalaa bakka bu’an akkasumas Ispoorteessitoota dorgommii sadarkaa Naannootti gaggeeffamu adda baasuuf ta’uu Itti Gaafatamaa Waajjira Dargaggoofi Ispoortii Magaalaa Shaggar Naasir Huseen himaniiru.
Dagaagina Ispoortii guddisuun walitti dhufeenya, jaalalaafi tokkummaa hawaasa manneen barnootaa gidduu jiru cimsuuf gargaaraas jedhan.
Dhaloota ogummaa Ispoortiin gahoome horachuuf dorgommichi murteessaa ta’uu Itti Gaafatamaa Waajjira Barnootaa Magaalaa Shaggar Obbo Firakiyyaa Kaasaahuun himaniiru.
Tasfaayee Ijjiguutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.