Finfinnee, Ebla 14, 2018 (FMC) – Walga’iin garee hojii miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa Itiyoophiyaa Siwiizarlaand Jeeneevaatti gaggeeffamuu eegaleera.
Ministirri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaafi Mariisisaa Olaanaan Dooktar Kaasaahun Goofeen baniinsa walga’ichaa irratti dura taa’aa, seekreetariyaatiifi miseensota garichaa miseensummaa Itiyoophiyaa saffisiisuuf deeggarsa taasisaniif galateeffataniiru.
Walga’ii garee hojii 6ffaa baatii Fulbaanaa darbe gaggeeffameen asitti Itiyoophiyaan mariiwwan gamlameefi gam-hedduu irratti milkaa’ina olaanaa galmeessisuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan hojii gaaffilee biyyoota miseensaa 226’f deebii kennuu, wixinee gabaasa hojii garichaa gabbisuufi keewwatawwan dirqamaa 32 xumuruu dubbataniiru.
Biyyoota miseensota 9 waliin mariiwwan carraa gabaa gamlamee xumuruu eeruun, dhimmoota murteessoo miseensota irraa ka’an biroo hojjechuuf kutannoo qabaachuus mirkaneessaniiru.
Itiyoophiyaan riifoormii diinagdee hunda hammataa ta’een daldalaafi invastimantii irratti abbootii qabeenyaa biyya keessaafi alaaf haala mijataa uumuu eeraniiru.
Sirna daldalaa idil-addunyaa gam-hedduuf yeroo kamiyyuu caalaa qophii ta’uu ibsuusaanii ragaan Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia