Finfinnee, Guraandhala 4, 2018 (FMC) – Walga’iin idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa har’a ni gaggeeffama.
Walga’ii kanarratti hirmaachuuf Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota Afrikaa hedduun Finfinnee galaniru.
Walga’ichis mata duree “Dhiyeessii bishaanii waaraa fi sirnoota eegumsa qulqullinaa nageenyummaan isaanii eegame mirkaneessuu; milkaa’ina galmoota Ajandaa 2063’f” jedhuun gaggeeffama.
Manni marichaa walga’ii kanaan ajandaawwan Yaa’ii hoogganootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaaf dhiyaatan ni raggaasisa jedhameetu eegama.
Kana malees, manni marichaa ajandaawwan Komishiniin bakka buutota dhaabbii Gamtaa Afrikaa 51ffaan Sadaasa 2018 mari’atamanii turan irrattis ni mari’ata.
Manni marichaa gabaasa dhaabbilee fi gurmaa’iinsotaa Gamtaa Afrikaa akkasumas koreewwanii fi gabaasa raawwii Ajandaa 2063 kan dhaggeeffatu ta’uun ibsameera.
Itiyoophiyaan walga’icharratti dhimmoota faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiisan irratti dammaqinaan hirmaachuuf qophii taasisuun eerameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.