Waliigaltee hojii misoomaa “Oromia Sovereign Fund” fi “MIDROC Investment Group” gidduutti taasifame tarkaanfii dheeraa abdii guddaan eegaleedha- Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Qaammee 5, 2017 (FMC)- Waliigaltee hojii misoomaa “Oromia Sovereign Fund” fi “MIDROC Investment Group” gidduutti taasifame tarkaanfii dheeraa abdii guddaan eegaleedha jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ‘Oromia Sovereign Fund’ fi “MIDROC Investment Group” waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteeseera.

Pirezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, waliigalteen qaamolee lamaan gidduutti taasifame kun, misooma omishaalee al-ergii dameewwan qonnaa (warshaa kurfeessa baala shayii, horsiisa lukkuu), albuuda (soodaa ashii, sibiila, sookoo, dhakaa cilee) fi kkf irratti walta’iinsaan hojjachuu kan ifoomsedha jedhan.

Walta’iinsi mootummaa fi dhuunfaa misooma diinagdee finiinsuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu ibsan.

Gama tokkoon ciminaalee mootummaa kanneen akka ummatummaa, qabeenya lafaa fi walsima hojii diinagdeefi toorawwan xiyyeeffannoo misooma ummataa eegutiin jiran fayyadamuuf kan dandeessisu ta’uu kaasaniiru.

Akkasumas ciminaalee seektara dhuunfaa kanneen akka ogummaa gaggeessummaa diinagdee, xiyyeeffannoo bu’a qabeessummaafi hidhata gabaa umuutiin jiran hojiitti hiikuuf kan gargaarudha.

Ejjannoon, imaamanniifi tarsiimoon Mootummaan Naannoo Oromiyaa misooma irratti qabu, akkasumas riifoormiin “Oromia Sovereign Fund” irratti gaggeeffame fedhii seektarri dhuunfaa mootummaa waliin walta’iinsan hojjechuuf qabu dabaluu irratti argama jedhan.

Bu’uurama kanaan, ji’oota muraasa duras, Warshaa Dhugaatiwwan Keenyaa, invastimantii daran olaanaa ta’e milkeessuun bu’aa damicha argame ta’uu himan.

Waliigalteen kunis, carraa misoomaa fi humnoota diinagdee naannoon Oromiyaa qabu qixaan fayyadamuuf kan dandeessisudha.

Ciminaalee qaamolee lameeniin jiran walitti qindeessuun hojii misoomaa bu’a qabeessa raawwachuuf humna jabaa kan umu yoo ta’u, galmoota qabaman milkeessuu, dorgomummaa cimaa umuu fi diinagdee biyyaa ceesisuu irratti xiyyeeffachuun kan socho’an ta’uu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment