Waliigalteen hojjettoota mootummaa magaalichaa mana jireenyaa argachiisu mallattaa’e

Finfinnee, Caamsaa 16, 2017(FMC) – Waliigalteen hojjettoota mootummaa magaalaa Finfinnee mana jireenyaa akka argatan gochuu danda’u mallattaa’e.

Waliigalticha kan mallatteessan Biiroo Bulchiinsaafi Misooma Manneenii magaalichaafi Baankii Daldalaa Itiyoophiyaati.

Waliigaltichi barsiisota dabalatee hojjettoota mootummaa magaalichaa fayyadamoo manaa kan taasisu ta’uun eerameera.

Akkaataa waliigaltee Kanaan sagantaa liqii hangi dhala isaa gadi aanaa ta’e 25/75’n kan hojjetamu ta’uun ibsameera.

Barsiisonni Kanaan dura gurmaa’anii eegaa turan sagantaa Kanaan dursa kan argatan ta’uus himameera.

Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa hojjettoota mootummaa magaalichaa mana barbaadaniif liqii hangi dhala isaa gadi aanaa ta’e waggaa 20 keessatti kaffalamee xumuramu mijeessuu beeksiseera.

Sagantaa Kanaan hojjettoota mootummaa kuma 40 waliingahuuf karoorfamuu himameera.

Jamaal Ahimaditu gabaase.

Comments (0)
Add Comment