Waliingahiinsa talaallii ittisa dhibee busaa babal’isuuf hojjetamaa jira- Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Onkoloolessa 6, 2018( FMC)- Ministeerri Fayyaa waliingahiinsa talaallii ittisa dhibee busaa sadarkaa biyyaalessaatti babal’isuuf hojjetamaa jira jedhe.

Ministeerichatti Dursituun Hojii Raawwachiistuu To’annoofi Ittisaa Dhibeewwanii Dooktar Hiwoot Salamoon Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti akka himanitti, talaalliin kun yeroo ammaa aanaalee kutaalee biyyattii garaagaraa 58 keessatti kennamaa jira.

Aanaaleen kunneen aanaalee tatamsa’ina dhibee busaa sadarkaa olaanaa qaban ta’uu kaasanii, talaallichi yeroo itti aanu marsaa lammaffaan bakkeewwan birootti kan kennamu ta’uu dubbataniiru.

Talaalliin kun daa’imman umrii waggaa 5 gadii hundaaf kan kennamu ta’uu hubachiisuun, hawaasni ijoollee isaa talaalchisuun akka tumsu dhaamaniiru.

Zufaan Kaasaahuuntu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment