Waliingahiinsa talaallii saffisiisuuf …

Finfinnee, Mudde 20, 2018 (FMC) – Waliingahiinsa tajaajila talaallii saffisiisuuf hundi gaheesaa bahachuu qaba jedhe Ministeerri Fayyaa.

Ministeerichatti Hogganaan Deeskii Tajaajila Talaallii obbo Malkaamuu Ayyaalaw akka jedhanitti, talaalliin dandeettii dhibee dandamannaafi ittisuu guddisuun lammii oomishuu danda’uufi fayya buleessa horachuuf dandeessisa.

Hojii tajaajila talaallii guddisuufi babal’isuuf hojjetameen milkaa’inni hedduun galmaa’uu yaadachiisanii, bu’aa argame kana itti fufsiisuuf qaamolee qooda fudhattootaa waliin qindoominaan kan hojjetamu ta’uu ibsan.

Keessumaa fayyaa haadholiifi daa’immanii fooyyessuuf sagantaan talaallii qooda olaanaa qabaachuun isaa itti amanamee kutannoon hojjetamaa jira jedhan.

Haa ta’u malee waliingahiinsa talaallii irratti hanqinni akka jiru kaasanii, rakkichi iddoowwan giddugaleessarraa fageenyarra jiran irratti bal’inaan kan mul’atu ta’uu ibsaniiru.

Kunis irra jireessaan rakkoo hubannoo dhabuurraa kan madde ta’uufi rakkicha furuuf miidiyaalee dabalatee qaamoleen qooda fudhattootaa tumsaan akka hojjetan gaafataniiru.

Ministeerri Fayyaa tibbana iddoowwan kanneenitti qorichoota lubbuu baraaraniifi talaalliiwwan dirooniin waliingahuuf hojii eegaluun kan yaadatamudha.

Dilbata darbes naannawaa yaaddoon vaayirasii dhukkuba Maarbargi jirutti qorichoota lubbuu baraaraniifi talaalliiwwan dirooniin raabseera.

Talaallii qulqullina qabu waliingahuun dandeettii dhibee ittisuu lammiilee cimsuuf kutannoon kan hojjetamu ta’uus obbo Malkaamuun mirkaneessaniiru.

Talaalliiwwan ittisa Kaansarii Fiixee Gadameessaafi dhibee Tiruu dabalatee talaalliiwwan idilee hunda lammiilee biraan gahuuf miidiyaaleen qooda isaanii akka bahatan gaafataniiru.

Hojii kana saffisiisuuf tajaajila talaallii idilee irratti ogeeyyii miidiyaaleefi kominikeeshiniif leenjiin hubannoo uumuu kennamuu yaadachiisaniiru.

Malaakuu Gaddifiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment