Finfinnee, Mudde 3, 2018 (FMC)- Waliingahiinsaafi tajaajila waraqaa eenyummaa dijiitaalaa ‘Faayidaa’ babal’isuuf hojjetamaa jira jedhe Sagantaan Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa.
Sagantichatti Daayrektarri Nageenya Saayibarii Injinar Kaasaayee Taaffasaa Faanaa Dijiitaalif akka ibsanitti, waraqaan eenyummaa dijiitaalaa ‘Faayidaan’ eenyummaa namootaa haalaan adda baasuu dandeessiseera.
Kunis yakkoota kanaan dura tajaajiloota baankileefi dhaabbilee birootti waraqaa eenyummaa fakkeessanii hojjechuun raawwatamaa turan kan hambisu ta’uu ibsaniiru.
Tajaajila karaa oonlaayiniifi qaamaan kennaman haala amansiisaafi si’aayina qabuun kan argamsiisu ta’uus dubbatan.
Waliingahiinsa isaa babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu eeruun, yeroo ammaa lakkoofsi namoota galmaa’anii miiliyoona 29 gahuu kaasaniiru.
Lammiilee miiliyoona 90 galmeessuuf karoorri qabamee hojjetamaa jiraachuufi hojiin tajaajiloota garaagaraa waraqaa eenyummaa dijiitaalaa ‘Faayidaa’ waliin walitti hidhuu cimee itti fufa jedhan.
Hojiin waraqaa eenyummaa dijiitaalaa ‘Faayidaa’ sirna baankii waliin walitti hidhuu kutannoon hojjetamaa jiraachuu kaasanii, maamiltoonni hanga Bitootessa 30, 2018’tti lakkoofsa baankii isaanii ‘Faayidaa’ waliin walitti hidhuu akka qaban hubachiisaniiru.
Waraqaan eenyummaa dijiitaalaa amansiisaa, nageenyummaan isaa kan eegameefi haleellaaf kan hin saaxilamne ta’uu mirkaneessuuf qaamolee qooda fudhattootaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
Malaakuu Gaddifiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.