Finfinnee, Guraandhala 22, 2018 (FMC) – Walitti bu’iinsa Baha giddugaleessaa muudateen hogganaan Afuuraa Iraan Ayatolaa Alii Kameen ajjeefamaniiru.
Walitti bu’iinsi Ameerikaa, Isiraa’eelii fi Iraan gidduutti muudata biyyoota baha giddugaleessatti muddama olaanaa uumeera.
Haleellaa guyyaa kaleessaa Ameerikaa fi Isiraa’eel waloon Iraanirratti raawwataniin hogganaan Afuuraa biyyattii Ayatolaa Alii Kameen ajjeeffameera.
Ajjeeffamuu isaanii hordofee Iraan guyyoota 40’f gadda biyyaalessaa labsiteerti.
Iraan tarkaanfii haloo bahuus fudhachaa jirti.
Hanga ammaatti buufataalee waraanaa Ameerikaa biyyoota bahaa Bahiireen, Kaataar, Kuweetii fi Emireetoita Araba Gamtoomaniitti argamanirratti haleellaa misaa’eelaa raawwatteerti.
Guyyaa har’aas haleellaan Isiraa’eel, Ameerikaa fi Iraan gidduutti taasifamu cimee itti fufuu ragaaleen ni mul’isa.
Kana hordofee biyyoonni naannawichaa balallii naannoo qilleensa isaanii cufuu BBC’n gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.