Waltajjii gamaaggama raawwii hojii paartiifi mootummaa hanga kurmaana 2ffaa bara 2018 eegallee jirra – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 13, 2018 (FMC)_ Waltajjii gamaaggama raawwii hojii paartiifi mootummaa hanga kurmaana 2ffaa bara 2018 eegalleerra jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Qorannoo guyyoota sadan dhufaniif ittifufu kanaan, gama tokkoon galma qabsoo ummata keenyaa, gama birootiin arsaa qaalii jaallewwan keenya guyyuun kanfalaa jiran guddugaleeffachuun miira xiiqii ol’aanan kan gaggeessinu ta’a jedhan.

Bu’uuruma kanaan, toorawwan xiyyeeffannoo keenya sadarkaa baay’inni, ariitiifi qulqullinni raawwii inisheetivootaa keenyaa irra jiran; sadarkaa rakkoolee ijoo naannoo keenyaa ittihubanneefi ittihiikaa jirru; sadarkaa caaseffamniifi ijaaramni mootummaa sadarkaa gandaa keenya irra jiru; sadarkaa kallattiiwwan yeroo garagaraatti kennaman fudhannee ittiin hogganamaa jirru; sadarkaa humnoota sadan raawwii — humna mootummaa, humna waloofi humna maatii —ittifayyadamaa jirru; akkasumas sadarkaa dinagdee itti hoogganaa jirru taasisuun, irra dibaa tokko malee kan sakattaanudha jedhan.

Hundaa’ol, hoggansa dinagdee kennuu irratti dhaweessummaa, kalaqaafi qusannaa jajjabeessuu, liqii babaldhisuufi bu’aa qabeessummaa liqeeffattootaaf deeggarsa barbaachisu hunda taasisuun maraamartoo hiyyummaa cabsuufi milkaa’ina galmoota sabboonummaafi qabsoo Oromoo akeekuu waliin kallattiin kan walqabatu ta’uu hubannee kan sochoonu ta’a.

Walumaagalatti, turtii guyyoota qorannoo kanaan raawwiin ji’oota jahan darbanii galmoota keenyaan walbiratti yemmuu ilaalamu sadarkaa maalirra akka jiru gadifageenyan kan ittiqoratamudha.

Akkasumas, argannoo qorannoo kanarraa ka’uun, raawwiin karoora kurmaanota itti aananii akkaataa jijjiirama hiikoo qabu fidu danda’uun kallattii fuula duraa kan itti kaa’amudha.

Comments (0)
Add Comment