Waltajjiin Maree waa’ee Itiyoophiyaa Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Mudde 16, 2018 (FMC) – Waltajjiin Maree waa’ee Itiyoophiyaa Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa Gubaatti gaggeeffamaa jira.

Pireezidaantii Naannoo Beenishaanguul Gumuuz obbo Ashaadilii Hasan, Gorsaa Dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee obbo Getaachoo Raddaa fi hoggantoonni mootummaa biroon waltajjicharratti argamaniiru.

Badhaadhinni Itiyoophiyaa kan hin oolle ta’uu isaa mirkaneessuuf waltajjichi Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaatti gaggeeffamaa jira.

Fedhiin misoomaa Itiyoophiyaa dameewwan garaagaraan jalqabaman akka milkaa’aan tattaaffiiwwan eegalaman cimee kan itti fufu ta’uutu eerame.

Qabeenya kuufamaa naannichaatti argamu faayidaa biyyaalessaaf akka oolu, hawaasa walitti hidhuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu Pireezidaanti Ashaadiliin Hasan ibsaniiru.

Marichi mata duree ‘Hiddaasee Guddina Itiyoophiyaaf’ jedhuun gaggeeffamaa jira.

Waltajjichaan faayidaalee Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaaf qabu ilaalchisee barreeffamoonni dhiyaachuu ibsame.

Ashaannaafii Shibbiruutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment